Leenjii Hubannoo Uumuu Qabeenya Kalaqa Sammuu Qooda Fudhattootaa
Leenjii Hubannoo Uumuu Qabeenya Kalaqa Sammuu Qooda Fudhattootaa
Abbaan Taayitaa Saayinsii fi Tekinoloojii Oromiyaa(ATSTO) qabeenya kalaqa sammuu irratti leenjii hubannoo uumuu Abbaa Taayitaa Qabeenya Kalaqa Sammuu Itoopiyaa waliin qindoomuun qooda fudhattootaaf leenjii kennan. Qabeenya Kalaqa Sammuu/IP (Intellectual Property) jechuun, humna sammuu namaatiin wantoota haaraa uumuu, yaada haarawa fiduu fi rakkoolee furuu danda’u jechuudha. Isaanis Barreeffamoota fi kitaabota (copyright), Ummataaf beekkama ta’an ykn mallattoo daldalaa (trademark), Hojii argannoo fi kalaqaa (patent), fi Sirna odeeffannoo dhuunfaa ykn tekinoloojii dhuunfaa (trade secret)fa’i. Isaan Kun akka eegamaniif itti fayyadamaa bu’a qabeessa horachuuf akka innooveeshinii fi kalaqni biyyatti keessatti dagaagu gochuuf qaamoleen qooda fudhattoota manneen hojii mootummaaf miti-mootummaaf hubannoo uumuun barbaachisaadha.
It/A/D/Ol'aanaan ATSTO Dr.Lijaalem Ayyalaaa haasaa baniinsaa fi haala hojii waliigala Abbaa Taayitichaafi maalummaa Qabeenya Kalaqa Sammuufi hojiiwwan hojjetamaniif hojjetamaa jiran bal'inaan kaasuun dhimmi qabeenya kalaqa sammuu akkuma qabeenya kamii eegamuufi kunuunfamuun maallaqatti jijjiiramuu akka danda’u hubannoon hawwaasa keenya bira jiru baay’ee gadi bu’aa waan ta’eef erga Daayirekterootiin qabeenya kalaqa sammuu hundeeffamee as hojiiwwan gurguddoon qabeenya galmeessuu hubannoo kalaqaa abbootii kalaqaa,Oomishtoota,uniyeenota, waldaalee garaa garaa naannoo keenyaaf kennamaa turan haa ta’u malee mirgi qabeenya kalaqa sammuu eegsifachuu ammayyuu ga’aa waan hin taaneef qooda fudhattota naannoo keenyaarratti hubannoo gadi fageenyaan uumuun Qabeenya Kalaqa Sammuu/IP/ giddugala qabnurratti leenjii kennuun xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaadha jechuun kaasaniiru.
Haaluma wal-fakkaatuun It/A/D/Ol'aanaan Abbaa Taayitaa Qabeenya Kalaqa Sammuu Itoophiyaa karaa federalaan rakkoowwan tura baay’een furamuun hojiiwwan gurguddoon hojjetamaniiru hojjetamaas jira jechuun ‘namni keenya kalaqa qaba kalaquun garuu abbaa mirgaa waan nama hin taasisneef kalaqa qabu galmeessifachuuf eegsifachuu akka qabu dubbachuun, qooda fudhattootaan ‘yaada qabdaniif maal hojjechuu akka dandeessan dhiyeessaa waliin hojjennaa’ jechuun ibsa bal’aa kennaniiru.
Kanuma irraa ka’uun qindoomina uumameen Maalummaa Qabeenya Kalaqa Sammuu, Sirna paatentii Itiyoophiyaa Imaammata qabeenya kalaqa sammuu “Intellectual property policy (IP policy)” irratti leenjiin karaa qindeessitoota Abbaa Taayitaa Qabeenya Kalaqa Sammuu Itoophiyaan kennameera.
Dhuma irratti 'Daayirekterri Daayirekterootii Qabeenya Kalaqa Sammuu ATSTO obbo Sanyii Hawweeraa xiinxala raawwii hojii hanga ammaatti hojjetaman dhiyeessuun ciminoota turanif hanqinaalee jiran ibsuun gara fuula duratti dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan hubannoo uumuu, qindoomina qabeenya kalaqa cimsuu, aangoo fi ga'ee hojii gadi buusuun, qabeenya kalaqa sammuu galmeessufi kabachiisuu, Kalaqaalee paatentii argatan hojiirra oolchuu, Dhaadhessa/promotion/QKS irratti hojjechuu, Qorannoo/sakkatta'iinsa QKS gaggeessuuf hojiirra oolchuu, muuxannoowwan gaggaarii jiran baballisuun qooda fudhattoota keenya waliin cimnee yoo hojjenne jijjiirama guddaa fiduu dandeenya'' jechuun himaniiru. Kanumaan hirmaattota qooda fudhattootarraa yaada arganneen gara fuula duraatti dhimmi qabeenya kalaqa sammuu dhimma seektara hundaa ta'uun namni waa uume tokko deggarsa barbaachisaa argachuun mirga abbaa qabeenyummaa isaa eegsifachuu akka qabu irratti cimnee waliin qindoominaan ni hojjenna jechuun marii bal'aa taasisuun leenjiinif waltajjiin marii xumurameera.




