Leenjii Hubannoo Uumuu Qajeelfama Naamusa Hojjettoota Mootummaa fi Seerota Yakka malaammaltummaa
Leenjii Hubannoo Uumuu Qajeelfama Naamusa Hojjettoota Mootummaa fi Seerota Yakka malaammaltummaa
Hojii fi hojimaata mootummaan uummataaf kennuu keessatti fedhii uummataa, fedhii mootummaa mirga hojjetaa Mootumma Naannoo Oromiyaa gidduu jiruu akka walsimuu yookiin akka wal madaaluu taasisuun sirni ogummaa fi ogummaa'u, istaandaardiin ogummaafi kennaa tajaajlla akka jiraatu taasisudha.
Kanuma irraa ka'uun Abbaan Taayitaa Saayinsii fi Tekinoloojii Oromiyaa hojjetoota isaa hundaaf tajaajilli kennamu karaa si'ataa, qulqulluu, bu'a-qabeessafi ga'umsa qabuun akka kennamuuf Qajeelfama Naamusa Hojjettoota Mootummaa Lakk. 22 / 201 5 irra deebiin fooyya'ee ba'e irratti karaa Obbo Abdii Yaasin BPSMQNO irraa afeeramaniin kennamee jira.
Haaluma wal fakkaatuun hojjetaan kamiyyuu Seerota Yakka Malaammaltummaa irraa ka'aman irraa of eeggachuun karaa bilisa ta'een hojii hawwaasnii fi Mootummaan irraa barbaaduu karaa qulqullina qabuun tajaajila irraa barbaadamu kennuu akka qabu irrattis karaa Obbo Ifaa Darajjee komiishinii Naamusaaf Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaa irraa dhiyeessuun mariin bal'aa taasisuun xumurameera.
''Seera hin beekuun seera jalaa nama hin baasu''




