Maalummaa Qabeenya Sammuu (IP)
Maalummaa Qabeenya Sammuu (IP)
Yaad-rimee qabeenya sammuu jedhu bifa guutuu ta’een hubachuuf jecha “qabeenya‟ jedhuufi “kalaqa sammuu‟ jedhu adda addatti ilaaluun barbaachisaadha.
Qabeenyi gosa adda addaatti kan qoodamu yoo ta’u isaan keessaa muraasni qabeenya qabatamaafi qabatamaa hin taane (tangiable and intangiable); kan socho’aniifi hin sochoone fa’a ta’uu danda’u. Bu’aa warraaqsa industirii (industrial revolution) fi guddina Saayinsii fi Teknoloojii kan ta’e gosti qabeenya qabatamaa hin taane qabeenyi kalaqa sammuu jedhamu dabalamee jira. Guddina Saayinsii fi Teknoloojii amala addaa qabu waliin bal’inniifi qabiyyeen isaa yeroo yeroon waan jijjiiramuuf jecha “qabeenya sammuu‟ jedhuuf hiikoo wal-tawaa kennuun rakkisaadha. Gabaabinaan ibsuuf, qabeenya sammuu jechuun kalaqa sammuu namaa akka ta’e agarsiisa. Innis bu’aa hojii sammuu dhala namaa waan ta’eef qabeenyicha horachuuf dadhabbii humnaa osoo hin ta’in dadhabbii sammuutu barbaachisa yaadama jedhu of-keessaa qaba.
Akka waliigalaatti, Qabeenya Sammuu jechuun bu’aa hojiilee kalaqa industirii, saayinsii, aartiifi barreeffamaa jechuun ni danda’ama. Kallattii mirgaatiin mirga Qabeenya Sammuu jechuun gurmuu mirgootaa hojiilee kalaqa industirii, saayinsii, aartiifi barreeffama irratti abbaan mirgaa qabuudha. Akka biyya keenyaattis Labsii Lakkoofsa 320/1995 Qabeenya Sammuu jechuun hojii kalaqa sammuu namaa irratti mirga seera qabeessa ta'e yoo ta'u, innis paatentii, mallattoo daldalaa, ragaa galmeefi mirga waraabbii of-keessatti qabata jechuun hiikee jira. Biyyaa biyyatti, akkasumas yeroodhaa gara yerootti garaagarummaa qabaatus, mirgi Qabeenya Sammuu mirga waraabbii, paatentii (uumee), mallattoo daldalaa, akeektuu bakka maddaa (Geographical Indication of Origin), dizaayinii industirii, iccitii daldalaa, seera eegumsa kuusaa daataa, seera mirga beeksisaa, seera eegumsa akaakuu biqiltootaa fa’a of-keessatti haammata. Kana malees, Qabeenya Sammuu qabeenya industiriifi mirga waraabbii jedhamuun ramaduun ni danda‟ama. Qabeenyi industirii kalaqa (patentii), dantaa qabeenya kalaqa xixiqqaa (Utility model certificate) fi dantaa daldalaa (mallattoo daldalaa, maqaa daldalaa, agarsiiftuu bakka maddaa, fi dizaayinii industirii), mirga horsiisa biqiltootaa, heddummina lubbu qabeeyyii (biodiversity) fi kkf of keessatti qabata. Mirgi waraabbiifi mirgoonni hidhata qaban hojiiwwan og-barruu, aartiifi saayinsii, agarsiisaafi tamsaasa kan hammatudha




